Aartii ijoollummaa isaa irraa jaalata. Dandeettiidhaanis hin komatamu. Aartii umamaan qabu barnootaan gabbiifatee, walleewwan Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa hanga jahaatamaa ta'an qajeelcheera.
Leencoo Fiqiruu yeroo dhiyoo asitti kiliippota muuziqaa Afaan Oromoo daayirekti gochuun dargaggoo beekamtii horachaa jirudha. Weelluuwwan haaraa reefuu namoota hedduu biratti fudhatama gaarii argatan ...